Fana: At a Speed of Life!

Injifannoo Adwaa sababeeffachuun argisiifni baname

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC) – Ministeerri Raayyaa Ittisaa injifannoo Adwaa sababeeffachuun argisiisa qopheesse banaa taasiiseera.

Argisiisa jalqabaa kana bakka bashannanaa Qondaaltoota waraanaa Xoor Hayilochiitti argamu keessatti baneera.

Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa, Ministir Deetaan Ministeera Raayyaa Ittisaa Maartaa Liiwiijii fi qondaaltoonni waraanaa olaanoon waliin ta’uun agarsiisichia bananiiru.

Argisiisichi wareegama gootonnii fi abbootiin waraana Adwaarratti kaffalan kan mul’isu ta’uu eerameera.

Seenaan goototaa, seeraalee, meeshaaleen waraanaa fi barreeffamoonni Adwaa ilaalchisee qophaa’an agarsiisicharratti kan dhiyaatan ta’uu himameera.

Argisiisichi hanga Guraandhala 25,2015tti kan turu ta’uu himameera.

Maddi:-TOI

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.