Fana: At a Speed of Life!

Intarpiraayziin daandiwwan kaffaltii Ityoophiyaa galii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 57 ol walitti qabe

Finfinnee, Muddee 16, 2013 (FBC)- Intarpiraayziin daandiwwan kaffaltii Ityoophiyaa galii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 57 ol walitti qabuu beeksisee.

Intarpiraayzichi fedhii fayyadamtootaa bifa ariifataa fi ammayya’aa ta’een guutuuf hojiwwan adda addaa hojjechaa turu himeera.

Bara baajatichaatti daandiwwaan kaffaltii Finfinnee-Adaamaa fi Dirree Dawaa-Dawwaallee sochii konkolaattoota miiliyoona 4 fi kuma dhibba 1 fi kuma 31 ol keessummeessuuf karoorseen sochii konkolaattootta miiliyoona 3 fi kuma dhibba 5 fi kuma 96 fi 852 raawwachuu kan danda’ee yoo ta’uu, raawwii isaa kanaan %90 galmeessuu ibseera.

Dabalataanis tajaajila daandiiwwan kaffaltiin Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 61 kuma dhibba 7 fi kuma 16 fi 939 walitti qabuuf karoorseen galii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 47 fi kuma 55 fi 754 waliitti qabeera.

Akkasumaas galiwwan adda addaarra kiraa iddoowwan beeksisaa, kaffaltii beenya qabeenyoota daandiii barbadaa’anii, meeshaa konkolaataa harkiisuu fi kaasuu irraa galiin Birrii miiliyoona 10 fi kuma dhibba 3 kuma 88 fi 162 yoo argamuu, waliigala galiin Birrii miiliyooni dhibbi 1 fi miiliyoonni 57 fi kumni dhibbi 4 fi kumni 43 fi 915 walitti qabuu danda’uu ragaan Ministeera Geejjibaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.