Fana: At a Speed of Life!

Isiraa’eel sagantaa misooma Misaa’eelaa Iraanirra qoqqoobbii haaraan akka kaa’amu waamicha dhiyeessite

Finfinnee, Ebla 8, 2016 (FBC) – Haleellaa Tasaa Iraan bulchiinsa Isiraa’elirratti raawwatte hordofee Isiraa’eel sagantaa misooma Misaa’eelaa Iraanirra qoqqoobbii haaraan akka kaa’amu waamicha dhiyeessite.
Isiraa’eel Haleellaa haloo ba’uu akkamii fudhachuu akka dandeessu hedduun xiyyeeffannoon eegaa turanis, Isiraa’eel Karaa Dippiloomaasiin deebii kennuuf yaalaa jirti jedhame.
Ministeerri Dhimma Alaa Isiraa’eel sagantaa misooma Misaa’eelaa Iraanirratti qoqqoobbii haaraa akka kaa’amu biyyoota 32’f xaalayaa barreessuu ibsameera.
Qoqqoobbiin Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Sagantaa Gabbisa Misaa’eelaa Iraan irra kaa’ee ture Bara Faranjootaa darbe Baatii Onkololeessaa keessa xumuramuun kan yaadatamuudha.
Yaa ta’uutii Ameerikaa, Biriitaaniyaa fi Gamtaa Awurooppaa dabalatee biyyoonni biroo qoqqoobbii dabalataa haaraa kaa’uun isaanii akkuma itti fufetti jira.
Ministeerri Dhimma Alaa Isiraa’eel Korporeeshiniin Eegtoota Adda Warraaksa Islaamummaa Iraan bulchaa jiru dhaabbata Shororkeessaa jedhamee akka moggaafamu waamicha dhiyeessuu BBCn gabaaseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.