Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Raashiyaan waliigaltee humna niwukilaaraa mallatteessaan

Finfinnee, Eebla 8, 2013 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Raashiyaan waliigaltee humna niwukilaaraa mallatteessaaniiru.
Waliigalticha Ministeerri Innooveshinii fi Teeknooloojii Itiyoophiyaa fi Raashiyaatti Koorporeeshiniin Humna Atoomikii mallatteessaaniiru.
Waliigatichaas Raashiyaatti AmbaasaaddaraItiyoophiyaa Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuu fi Itti Aanaa Daayreektaraa Humna Atoomikii Raashiyaa Niikolaay Ispaaski mallatteessaniiru.
Waliigaltichi humna niwukilaaraan hubannoo hawaasaa guddisuuu fi leenjii laachuu akkasumas dandeettii gabbisuuf kan dandeesisu deeggarsa laachuuf kan kaayyeffate tahuu ragaan Ministeera Dhimma Alaa irraa arganne ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.