Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teeleekoom baatiiwwan shan keessaatti magaaloota 67 fayyadamoo 4G taasisuu ibse

Finfinnee, Adooleessa 3, 2013 (FBC)- Ityoo Teeleekoom baatiiwwan shan keessaatti magaaloota 67 fayyadamoo 4G taasisuu ibseera.

Dhaabbatichi guyyaa har’aas tajaajilaa inteerneetii bilbilaa dhaaloota 4ffaa magaalaa Gondaritti  eegalchiiseera.

Hoji Raawwachiiftuun Ityoo Teeleekoom aadde Fireywoot Taammiruu, dhaabbatichi diinagdee diijitaalaa biyyattitti ijaaruuf imaammataa bocee hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Magaaloonni Dabra Taaboorii Gondaar har’arra eegalee tajaajila 4G fayyadamoo akka ta’aan aadde Fireywoot himaniiru.

Akka biyyatti tajaajila 4G’n magaaloota 103 fayyadamoo taasisuuf kan karoorfamee yoo ta’u, baatiwwan shanan darbanitti magaalootaa 67 fayyadamoo taasisuun danda’ameea jedhan.

Dhaabbatichi magaaloota biroos fayyadamoo inteneetichaa taasisuuf tattaaffii taasisuu akka itti fufuu dubbataniiru.

Baatiiwwan lamaan darban keessaattis teelee Birriidhaan fayyadamtoota miiliyoona 6 horanneera jedhan.

Manilee Ayaanawtu

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.