Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teeleekoom baatiwwan 6 darbanitti birrii biiliyoona 25 ol  galii argachuu beeksise

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (FBC ) – Ityoo Teeleekoom bara baajataa 2013 baatiwwan 6 darbanitti birrii biiliyoona 25 ol  galii argachuu beeksise

Hojii raawwachiiftuu olaantuun Ityoo Teeleekoom aadde Fireehiyiwat Taammiruun raawwii dhaabbatichaa baatiwwan jahaa ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Baatiwwan jahaan darbanitti dhaabbatichi birrii biiliyoona 25.57 galii argachuu beeksisaniiru.

Karoora qabamerraa %95 milkaa’uu ibsaniiru.

Rakkoon nageenyaa kutaa biyyattii garaagaraatti uumame karooricha guutuumaan guututti galma akka hin geenyeef sababa ta’uu himaniiru.

Galiin argame kan bara darbee yeroo walfakkaatuu yoo madaallame  % 12.5 caalmaa qaba jedhan.

Baatiwwan eerraman keessa Doolaarri miiliyoonni 80.2 sharafa alaarraa argamu dubbataniiru.

Maamiltoota bilbila moobaayiliitti fayyadaman keessaa % 64.3 kanneen Interneetii  fayyadaman ta’uu aadde Firehiyiwat ibsaniiru.

Baatiwwan jahaan darbanitti qofa oomishaalee fi tajaajiloonni 39 maamiltootaaf dhiyaachuu himaniiru.

Waliigala maamiltoonni dhaabbatichaa miiliyoona 50.7 ga’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

 

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

 

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa .

 

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.