Fana: At a Speed of Life!

Ityoo – Teeleekoom baatiwwan 6’n darbanitti galii Birrii biiliyoona 33.8 ol argate

Finfinnee, Amajjii 4, 2015 (FBC) – Ityoo – Teeleekoom baatiwwan 6’n darbanitti galii Birrii biiliyoona 33.8 ol argachuu beeksiiseera.

Hojii rawwachiittuu Olaantuun dhaabbatichaa Fireeyiwoot Taammiiruun ,raawwii hojii walakkaa waggaa bara baajataa 2015 ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Dhaabbatichi baatiwwan 6’n darban waliigala galii Birrii Biiliyoona 33.8 ol argachuu ibsaniiru.

Galii argachuuf karoorfamerraa %96 milkaa’uu eeruun, galiin argame kun kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame Birrii biiliyoona 5.6 caalmaa qabachuu eeraniiru.

Lakkoofsi maamiltootaa miiliyoona 70 gahuu kasaaniiru.

Maahileet T/Birihaantu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.