Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teeleekoom magaaloota Bahaa Ityoophiyaatti tajaajila 4G eegalchiise

Finfinnee, Caamsaa 19, 2013 (FBC) – Ityoo Teeleekoom Bahaa Ityoophiyaa magaaloota Harar, Awwadaay fi Haramayyaatti tajaajila 4G eegalchiiseera.
Tajaajjilli Ityoo Teeleekoom giddula Damee Bahaatti eegalchiisee kun maamiltoota kuma 67 ol fayyadamoo taasiisa jedhame.
Hojii raawwachiiftuun olaantuun Ityoo Teeleekoom aadde Fireehiyiwat Taammiruun Damee Bahaa magaaloota Harar, Awwadaay, fi Haramayyaatti tajaajilli 4G hojii eegalchiisaniiru.
Tajaajilichi saffisa Interneetii dachaa 14 kan dabalu ta’uu eeraniiru.
Tajaajilli 4G kun magaaloota biyyattii 103 irratti hojiirra kan oolu ta’uu himaniiru.
Tajaajilli 4G kun Bahaa Ityoophiyaa magaaloota Dirree Dawaa, Ayiishaa fi Cirootti guyyoota muraasa dura hojii eegaluun isaa kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.