Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teeleekoom tajaajila dhaloota Arfaffaa damee Kibbaatti eegalchiise

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2013 (FBC) – Ityoo Teeleekoom tajaajila ‘4G LTE Advanced’ Damee Kibbaa Magaalaa Hawaasaatti eegalchiiseera.
Tajaajila kanarraa magaalaan Hawaassaa, Shaashmannee, Arsii Nagallee, Bulee Horaa, Diillaa, Yaaballoo, Yirgaalam, Alataa Wandoo, Mooyaalee, Shaakkisoo, Adoolaa fi Nagalleen fayyadamoo ta’u jedhameera.
Maamiltoota kuma dhibba 9 fi kuma 25 tajaajila kanarraa fayyadamoo ta’uu jedhame.
Sirna kanarratti hojii Raawwachiiftuu olaantuun Ityoo Teeleekoom aadde Fireehiyiwat Taammiruu, Kaantibaan magaalaa Hawaasaa gargaaraan Proofeesaraa Tsaggaayee Tukkee fi keessummoonni waamicha taasiifameef argamuu himameera.
Ityoo Teeleekoom hanga ammaatti magaalota 65 fayyadamtoota tajaajila 4G taasiisuu hojii Raawwachiiftuu olaantuun Ityoo Teeleekoom aadde Fireehiyiwat Taammiruu ibsaniiru.
Dhaabbatichi yeroo ammaa maamiltootaa miiliyoona 55.4 qabaachuu fi fayyadamtootaa Intarneetii miiliyoona 25.5 horachuu ibsuu isaanii dhaabbanni Raadiyaa naannoo Kibbaa gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.