Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa bakka bu’uun dorgommii ICT Huwaawwee 7ffaarratti kan hirmaatan sadarkaa 3ffaan xumuran

Finfinnee, Caamsaa 21, 2015 (FBC)-Dorgommii Teeknooloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo (ICT) Idil Addunyaa 7ffaa Huwaawweerratti Ityoophiyaa bakka bu’uun barattoonni dorgoman sadarkaa 3ffaa ba’uun dorgommicha xumuraniiru.

Dorgommichi Chaayinaa Magaalaa SHeenzenitti Caamsaa 16-20, 2015tti gaggeeffamaa kan turedha.

Dorgommicharratti biyyoota 36 irraa gareewwan 146 hirmaataniiru.

Ityoophiyaatti Hoji Gaggeessaan Huwaawwee Liiyuu Jiifaab qabxii barattoonni fidanitti gammaduu ibsanii, dhaabbatichi damee ICT cimsuuf bakka bu’aa horachuuf kutannoon akka hojjetu dubbataniiru.

Barattoonnis, bu’aa galmeessaniitti gammachuu itti dhaga’ame ibsuun muuxannoo idil addunyaas argachuu himaniiru.

Dorgommiin ICT huwaawwee qulqullina kennaa addaa ICT saffisiisuuf, indaastirichaaf kennaa ga’umsa qabu qopheessuu fi filachuuf, kennaa addaa kan qaban walitti dhiyeessuun ce’umsa dijitaalaaf hirmaannaa dammaqaa akka taasisan, dhiyeessii fi fedhii damichaaf ga’oo akka ta’an jajjabeessuu fi gumaacha waaraa taasisuuf ni hojjeta jedhamera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.