Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Biraaziil hariiroo Dippiloomaasii isaanii gara sadarkaa fooyya’aatti ceesisuuf walii galan

Finfinnee, Caamsaa 28, 2015 (FBC)-Ityoophiyaa fi Biraaziil hariiroo waloo fi Dippiloomaasii hunda galeessa gara sadarkaa fooyya’aatti ceesisuuf walii galaniiru.

Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Alaa Biraaziil Maawuroo Viiyeeraa waliin haala hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti fooyyeessuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan hariiroon biyyoota lamaanii yeroon caalmaatti fooyya’uu qabu amma ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaan Embaasii ishee Biraaziilitti banuun hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa caaluutti ceesisuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Deeggarsa Biraaziil misooma bulchiinsa Bosonaa, Oomisha Jirbii fi eeggumsa biyyoorratti Ityoophiyaaf taasisaa jirtu Obbo Dammaqaan Dinqisiifataniiru.

Ityoophiyaan dameewwan Invastimantii, Aviiyeeshinii, Turizimii, Qonna, Maanuufaakcheeriingii, Eeeggumsa Naannoo, Albuudaa fi Inarjii irratti Biraaziil waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu Obbo Dammaqaan Ministira Alaa biyyattii Maawuroo Viiyeeraaf ibsaniiru.

Maawuroo Viiyeeraan gama isaaniin, Biraaziil Ispoortii fi dameewwan garaagaraan Ityoophiyaaf tumsa taasiisuuf qophii ta’uu eeruun, hariiroo waloorra darbee waltaajjiiran Dippiloomaasii garaagaraarratti Ityoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf qophiin jiraachuu mirkaneessaniiru.

Yeroo itti aanuu dhimmoota siyaasaarratti marii taasiisuuf waliigalteerra ga’uu isaanii ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.