Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Jaappaan tumsa isaanii sadarkaa olaanaatt ceesisuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an fudhachuuf waliigalan

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Aadde Samarataa Sawaasaw Imbaasii Jaappaanii fi Ejensii Tumsa Idil-addunyaa Jaappaan waliin imaammata diinagdeerratti mari’ataniiru.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Ittoo Taakakoo fi bakka bu’aan Ejensichaa Moorihaaraa Kaat suukiinaa maricharratti argamaniiru.
Aadde Samarataa Sawaasaw deeggarsa hunda galeessa Jaappaan Ityoophiyaaf taasiisaa turte galateeffataniiru.
Rakkoo namoomaa sababa hongee fi walitti bu’iinsaan Ityoophiyaa keessatti uumame salphisuuf Jaappaan deeggarsa dabalataa akka taasiiftu gaafataniiru.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Ittoo Taakakoon gama isaaniin, Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf wixinee sanada waggoottan shanan itti aananii dhiyeessuun, dhimmoota deeggarsa misoomaa fi namoomaa dabaluu, gurmaa’iinsa caasaa diinagdee, sirna hawaasummaa fi diinagdeerratti xiyyeeffannoon laatamuu himaniiru.
Marii isaaniin tumsa biyyoota lamaanii gara sadarkaa olaanaatti ceesiisuuf tattaaffii barbaachisoo fudhachuuf waliigalamuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.