Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Swiizerlaand gibira irra deddeebii hambisuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Adooleessa 22, 2013 (FBC)- Ityoophiyaa fi Swiizerlaand gibira irra deddeebii dhabamsisuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Swiizerlaand Tamaaraa Moonaan mallateessaniiru.

Waliigaltichi abbootiin qabeenyaa Swiizrelaand Ityoophiyaatti qabeenyaasaanii hojii misoomarraa akka oolchan jajjabeessuu fi abbootiin qabeenyaa Ityoophiyaas gabaa Swiizerlaand keessaatti hirmaannaa diinagdee akka qabataaniif kan kaayyeeffatedha jedhameera.

Gibirri irra deddeebii investimantii biyyaa alaaf hudhaa ta’uusaan mootummaa Swiizerlaand waliin marsaa sadiin mariin gaggeeffamuun gibira irra deddeebii dhabamsiisuuf waliigalteera ga’amuu ragaan Ministeericharraa argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.