Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi uummattoota nu filataan amanamuummaan tajaajiluuf qophiidha- Miseensoota MMBU haara filataman

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC)- Ityoophiyaa fi uummattoota isaan filataan amanamuummaan tajaajiluuf qophii ta’uu miseensoonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa 6ffaa filataman ibsan.

Manni marichaa kan kanan duraa caalaa bifaa fooyya’aan sagaleen adda addaa kan itti dhaga’amuu akka ta’uudha kan ibsame.

Miseensoonni paarlaamaa filannoo marsaa 6ffaatin mana maree bakka bu’oota uummataaf dorgomanii injifatan leenjii fudhataniiru.

Leenjicharratti kutaa biyyatti hundatti mana mare bakka bu’oota uumataaf dorgomuun filatamtoonni injifataan hirmaataniiru.

Leenjichichi shoora bakka bu’oota uummataa, danbii namuusaa fi kenninsaa tajaajila mana maricharratti xiyyeeffannoo taasiseera.

Miseensoonni mana maree haaraan 6ffaa filannoo biyyoolessaa kan kanan duraarra bifaa addatiin bilisaa, hirmaachisaa fi dimookiraatawaa akka ture ibsaniiru.

Miseensoonni paarlaamaa gaaffiiwwan uummanni kaasuu gama bulchiinsa, misoomaa akkasuma skanneen bioro kaasuu deebisuuf qophii ta’uusaanii ibsaniiru.

Af Yaa’iin Mana Maree Taaggasaa Caafoo gama isaaniin, hoji mata mana marichaa  jijjiirrama dura  turee yaada kaasaan gamaggamuu beeksisaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.