Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa oolchuuf hundi tokkummaan dhaabbachu qaba-Jeneraal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Eebila 26, 2013 (FBC)- Ityoophiyaa oolchuuf hundi tokkummaan dhaabbachuu akka qabu Eetaamaajoorri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Biraanuu Juulaan ibsaniiru.

Jeneraal Biraanuu Ityoophiyaan kan yeroo kamii caalaa dinoonni  biyyaa keessaa fi alaa adda uumuun biyya itti duulan ta’uusheen Ityoophiyaa oolchuuf hundi tokko ta’uu akka qabu himaniiru.

Jeneraalichi kana kan dubbataan Humni Galaanarra FDRI Asxaa haaraa fi uffataa seeraa  ebbisisee fi ijaarsa giddugala leenjii hojjettoota Humna Galaanarraaf Magalaaa Bishooftutti wayita ifoomasiittidha.

Ityoophiyaatti iddoowwan garagaraatti rakkoowwan muudatan tasgabbeessuu raayyaan ittisa biyyaa bakkichatti argamaa jedhaniiru.

Waggoottan 100 irraa eegalee Ityoophiyaa dhadhabsiisuuf humnoonni hojjetan har’as cimiinaan biyyasaanirratti duulaniiru jedhan.

Uummanni raayyaa ittisa biyyaa cinaa dhaabbachuun gochaa aggamamuu kamuu fashaleessuun akka qaban yaadachiisaniiru.

Ityoophiyaa eeguu fi humna alaa ittisuuf uummanni tokko ta’uu akka qabuus jeneraalichi waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.