Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaafi Afrikaan Kibbaa dhimmoota Ardichaarratti tumsa isaanii cimsuuf hojjechaa jiru- Amb. Muktaar Kadir

Finfinnee, Amajjii 5, 2015(FBC)- Ityoophiyaafi Afrikaan Kibbaa dhimmoota dhimmoota waloorra darbee dhimmoota ardichaarratti tumsa isaanii cimsuuf hojjechaa jiraachuu Afrikaa Kibbaatti  Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Muktaar Kadir ibsan.

Ityoophiyaafi Afrikaan Kibbaa dameewwan daldalaa, invastimantii, hariiroo uummataafi kanneen biroorratti tumsaan hojjechaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Afrikaan Kibbaa waltajjii marii nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti mallatteeffame keessummeessuurra darbee adeemsi isaa mijataa akka ta’u taasisuun gahee olaanaa ba’achuu yaadachiisaniiru.

Yeroo ittaanutti hariiroo dippiloomaasii cimaa biyyoota lameen fayyadamoo taasisu hundeessuuf sochiin eegalamuu eeruusaanii TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.