Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaafi Dhaabbanni Godaansaa Idil Addunyaa tumsa qaban cimsuuf mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 21, 2015(FBC)- Ityoophiyaafi Dhaabbanni Godaansaa Idil Addunyaa tumsa qaban gara sadarkaa olaanaatti cimsuu haala danda’anirratti mari’ataniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen Daayrekatara Olaanaa Dhaabbata Godaansaa Idil Addunyaa Giilbart Haangiboow waliin mari’ataniiru.

Marii isaanii qorannoo mata duree “ Of eeggannoo, Hojii Qulqullina qabuufi Imaammata Diinagdee Maayikiroo” jedhuun bara faranjootaa Bitootessa 27, 2023 irraa eegalee Jeeneevaatti gaggeeffamaa jiru cinaatti gaggeessuu ibsameera.

Haala Ityoophiyaafi dhaabbatichi tumsa isaanii cimsuu danda’anirratti mari’achuu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.