Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan dawaa Deeksaameetaasan irratti qorannaa dabalataa taasisaa jirti

Finfinnee,Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan dawaa Deeksaameetaasan irratti qorannaa fi yaadolii gorsaa dabalataa taasisaa jiraachuu beeksiste.
 
Dawichi namoota vaayrasii koroonaatin cimaa dhibaman lubbuu baraaruuf ni oola jedhamuu isaatin booda, Ityoophiyaan qorannicha jalqabuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.
 
Qorattoonni Briitaaniyaa dhiyeenya akka beeksisanitti dawaan gatii salphaatin argamu kun lubbuu baraaruuf ni oola.
 
Dawaan kunis ammeentaa du’aatii namoota vaayrasichaan dhibamanii ni hir’isa jedhaniiru.
 
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaatis dawichi hojiirra ooluu kan deeggaru ta’uu beeksiseera.
 
Ityoophiyaanis dawicha hojiirra oolchuuf qorannaa dabalataa taasisaa jiraachuu ministir deettaan ministeerichaa Saahirallaa Abdullaahiin Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.
 
Amma har’a galgalaattis bu’aan qorannichaa ni ifooma jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Afawarq Alamuutu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.