Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan dhaabbata Qorannoo Imaammata Nyaataa Idil Addunyaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessite

Finfinnee, Eebla 16, 2015 (FBC) – Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii dhaabbata Qorannoo Imaammata Nyaataa Idil Addunyaa waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessera.

Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa fi Daayrektara Dhaabbilee Qorannoo Imaammata Nyaataa Idil Addunyaa teessoo isaanii Ameerikaa taasiisanii Joon Siwiinan waliin sanada waliigaltee kana mallatteessuu eeraniiru.

Waliigaltichi hojiilee gama ijaarsaa dandeetii fi ce’umsa
beekkumsaa guddisuuf qorannoowwan garaagaraa waloon hojjechuu kan hammate ta’uu himameera.

Hojii misooma jallisiin wal qabatee imaammataa qorannoowwaniifi qorannoowwaan jallisiirrattii gaggeeffaman dabalataas jedhame.

Carrawwaan misoomaa jallisii fi gufuulee adda baasuun, teeknooloojii jallisii babal’isuu fi waliingahiinsa isaarratti waloon hojjechuuf waliigaltichi mallattaa’uu ragaan Ministeeraa Jallisii fi Naannawaa Gammoojjiirrra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.