Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Fooramii Daldalaa Turkii Afriikaarratti keessummaa kabajaa addaa taatee hirmaatti

Finfinnee, Hagayya 4, 2014 (FBC) – Fulbaana kan gaggeeffamu Fooramii Daldalaa Turkii Afriikaarratti Ityoophiyaan keessummaa kabajaa addaa taatee kan hirmaattu ta’uu Fooramiin Walta’iinsa Indaastirii Idil Addunyaa Turkii beesksise.

Pireezidaantiin Fooramichaa Utaakuu Binigisu, akka ibsanitti Fooramichi Turkii Ankaaraatti Fulbaana 14-15, 2022 gaggeeffama.

Fooramichi Afriikaanonni damee daldalaa fi bizinasiirratti bobba’an kumni 1 fi 250 ol ni hirmaatu jedhameera.

Fooramii gaggeeffamu kanarratti Ityoophiyaan akka hirmaattu ibsuun, Ityoophiyaanota hojii daldalaa fi biziinasiirratti bobba’aaniif hir’isi gatii tajaajilaa addaa ni taasifamaaf jedhaniiru.

Hariiroon Turkii fi Afriikaa cimaa dhufuu eeruun, fooramiin walta’iinsa idil addunyaa michimmaa jiruu gama cimsuun gumaacha isaa bahachaa jira jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.