Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan galiin daldala alaarraa argattu, baasii daldalaa %20 ol hin uwwisu

Finfinnee, Bitootessa 3, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan galiin daldala alaarraa argattu baasii daldalaaf baastu %20 ol uwwisuu hin danda’u.

Galiin daldala alaa, gatii shaqaxa alaa gara biyyaa galfamu %20 ol uwwisuu hin danda’u jedhe Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii.

Ministirri ministeerichaa obbo Malaakuu Aallabal kana walgichisiisuuf hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Ministeerichi dhimmicharratti qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Ityoophiyaan waggaatti daldala alaatif Doolaara Ameerikaa biiliyoona 15 ol baasti.

Yaata’uutii galiin daldala alaarraa argattu Doolaara biiliyoona 3 hin caalu.

Yismaaw Adaraaw

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.