Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan hariiroo Gamtaa Awrooppaa waliin qabdu kan cimsitu ta’uun ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa FDRI aadde Mufariyaat Kaamiil Gamtaa Awrooppaatti Koomiishinara Dhimmoota Keessaa Yilvaa Johaansan waliin mari’ataniiru.

Ministirri Ministeera Nageenyaa FDRI aadde Mufariyaat Kaamiil jijjiirrama Ityoophiyaan gama hundaan taasisaa jirtu Yilvaa Johaansaniif ibsaniiru.

Deeggarsa Gamtaan Awrooppaa taasisaa jirus dinqisiifataniiru.

Hariiroon Ityoophiyaa fi Gamtaa Awrooppaa cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Ityoophiyaan naannichatti nageenyi waaraan akka bu’uuf tumsa taasisaa turtee fi taasisaa jirtu jajjabeessaa ta’uu Yilvaa Johaansan dubbataniiru.

Dabalataanis, daddabarsa namoota seeraan alaa akkasumas baqattummaa irratti kan mari’atan yoo ta’u, rakkoo kana hambisuuf rakkinoota hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaarratti xiyyeeffannoon haala hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Yilvaa Johaansan baqattummaa guutummaatti hambisuun yoo dadhabame illee, dhiibbaa hawaasummaa irra jiru waliigalteen yoo hojjetame hir’isuun akka danda’amu eeraniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.