Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan humna Elektirikaa Sudaanii fi Jibuutiif dhiyeessiterraa galii Doolaara miiliyoona 23 argachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 13, 2014(FBC) – Ityoophiyaan baatiiwwan sadan darbanitti gurgurtaa humna elektirikaa Sudaanii fi Jibuutiif dhiyeessiterraa galii Doolaara miiliyoona 23tti dhiyaatu  argachuu Humni Elektirika Ityoophiyaa beeksise.

Kurmaana jalqabaa kanatti Ityoophiyaan humna elektirikaa Kiiloo waatii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 63.7 dhiyeessuun galii Doolaara Miiliyoona 13.18 argachuu Daayrektarri Daayrektoreetii kominikeeshinii dhaabbatichaa obbo Mogas Makonnin ibsaniiru.

Dabalataan humna elektirikaa  Kiiloo waatii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 59.6 Jibuutiif dhiyeessiteen galiin Doolaarri miiliyoona 9.76 argamuu kaasaniiru.

Fuuldurattis Soomaalilaand, Soomaaliyaa, Taanzaaniyaa, Eeritiriyaa, Sudaan Kibbaa fi biyyoota Afrikaa biroo waliin hariiroo humna elektirikaa uumuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Maddi:- TOI

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com

/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.