Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan invastimantii kallattii alaatin baha Afrikaarraa adda duree ta’uun ibsame

Finfinnee,Waxabajjii 18,2012 (FBC) – Ityoophiyaan invastimantii kallattii alaatin baha Afrikaarraa adda duree ta’uun ibsame.
 
Ityoophiyaan damicha hawwachuudhan baha Afrikaarraa tokkoffaa, Afrikaarraammoo 5ffaa ta’uu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksiseera.
 
Invastimantiin kallattii alaa gara Ityoophiyaa dhufu bara 2005 eegalee waggaa waggaadhan jiddugaleessan %50 guddachaa jira.
 
Bara 2010 Doolaara biiliyoona 4.1 qaqqabeera jedheera waajjirichi.
 
Bara darbee kaasee daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaa guddisuuf fooyyessi diinagdee hojjetamuun ibsameera.
 
Bara kana damichi ni guddataan eegamus, sababii weerara vaayrasii koroonaatin gufatee sochii daldalaa fi invastimantii idil addunyaa hordofuun hanga eegamee gadi ta’uu beeksiseera.
 
Akkaataa ibsa dhaabbilee idil addunyaatin bara 2012 -13 invastimantiin kallattii alaa %30 hanga 40 akka hir’atutu ibsamaa jira.
 
Kunis hawwata invastimantii kallattii alaa fi sochii daldala alaarratti dhiibbaa ni qabaata jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.