Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan miseensa Komishinii Misooma itti fufiinsa Saayinsii fi Teeknooloojii Kibbaa akka taatu waamichi godhameef

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan miseensa Komishinii misooma itti fufiinsa Saayinsii fi Teeknooloojii Kibbaa akka taatu waamichi godhameefi jira.

Paakistaan michummaa bara dheeraa Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuuf Teeknooloojii fi Innooveeshiinii, misooma qabeenya namaa, injiineriingiin sooftiiweerii,akkasumas misooma Indastiriirratti haala waliin hojjechuun danda’amurratti mariin gaggeeffameera.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Paakistaan Asgahaar Alii Gooloo Ministirri Innooveeshiinii fi Teeknooloojii Ityoophiyaa Dooktar Abrahaam Balaay bu’aawwan Teeknooloojii biyyattii akka daawwatan affeeraniiru.

Itoophiyaan miseensa Saayinsii fi Teeknoolojii Kibbaa biyyoonni 27 miseesummaan hirmaachaa jiran keessatti miseensa akka taatu waamicha godhaniifiiru.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii FDRI affeerraa Paakistaan taasiifteef fudhachuun bu’aawwan Saayinsii fi Teeknooloojiirratti waliin hojjechuuf qophii ta’uu isaanii ibasniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.