Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan nageenya Sudaan Kibbaaf tumsa taasisaa turtee akka itti fuftu ibsite

Finfinnee, Hagayya 24, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan deeggarsaa nageenya Sudaan Kibbaaf taasisaa turtee cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisaa Biyyaa beeksise.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Abirahaam Balaay, Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin bakka bu’uun sirna eebbaa raayyaa walitti makamee Sudaan Kibbaarratti argamaniiru.

Dooktar Abrahaam sirnicharratti haasawaa taasisaniin, Sudaan Kibbaatti nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf Ityoophiyaan tattaaffii addaan hincitne taasisaa turuu yaadachiisuun, har’as kanneen walwaraanaa turan raayyaa isaanii walitti makuun raayyaa biyyaalessaa tokko ijaaruuf waliigaluutti gammaduu isaanii ibsaniiru.

Dabalataanis, bara faranjootaa 2018 Finfinneetti humnoonni waliigaltee nageenyaa mallatteessan, kutannoo ammaa eegalan cimsuun qabiyyee waliigaltichaa hafan guutummaatti akka hojiirra oolchaan amantaa qaban ibsaniiru.

Akkasumas, Ityoophiyaan deeggarsa taasisaa turte cimsitee kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru.

Pireezidaanti Saalvaakiir Maayardaatii fi Ittaanaa Pireezidaantii duraanii Dooktar Riik Maachaar haasawaa taasisaniin, milkaa’ina adeemsichaaf gumaacha Ityoophiyaan taasisaa turte dinqisiifataniru.

Sirna eebbichaarratti dureewwan Ugaandaa fi Sudaan kan argaman yoo ta’u, bakka bu’oonni dhaabbilee naannawaa fi idil addunyaas hirmaachuu Ragaan Juubaatti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.