Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan teeknooloojii Niwukilaaraa faayida nageenyaaf oolchuuf tattaaffii taasiftu Raashiyaan ni deeggarti jedhame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan teeknooloojii Niwukilaaraa faayida nageenyaaf oolchuuf tattaaffii taasftuu Raashiyaan akka deeggartuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Yaavgiinii Taarkiin ibsaniiru.

Ityoophiyaa fi Raashiyaa kana dura waliigaltee qaban gara hojiitti wayita galanii fi bu’uraa waliigaltee haala haaraatin dhimmoota dandeessisaan irratti mari’ataniiru.

Ministir Deettaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ahimaddin Mahaammadii fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Yaavgiinii Taarkiin dhimmoota garagaraarratti mari’ataniiru.

Ityoophiyaan teeknooloojii Niwukilaaraa faayida nageenyaaf oolchuuf tattaaffii taasiftuuf deeggarsa ijaarsa humna namaa akka taasiftuu ambaasaaddarichi mirkaneessaniiru.

Dooktar Ahimaddin Mahaammad karoora waggaa 10 waliin waliigaltee dhufuu akka taasisaan gaafachuusaanii ragaan Ministeericharra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.