Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Waltajjii Invastimantii Albuudaa Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 29, 2015(FBC)- Ityoophiyaan Waltajjii Invastimantii Albuudaa mata duree “Indaba” jedhuun Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiraachuu ibsameera,

Waltajjicharratti dhaabbileen albuudaa idil addunyaa akkasumas dhiyeessitoonni teekinooloojiifi dhaabbileen faayinaansii hirmaachaa jiru jedhame.

Ityoophiyaa bakka bu’uun Ministir Deetaan Ministeera Albuudaa obbo Miliyoon Maatiyoos hirmaachaa jiraachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Obbo Miliyoon turtiisaaniin, dhaabbilee albuudaa idil addunyaa Ityoophiyaatti damee albuudaarratti hirmaachuuf fedhii qaban waliin ni mari’atuun eegama jedhamera.

Waltajjicharratti dhaabbi;leen oomishtoota albuudaa Ityoophiyaa hirmaachaa jiraachuus ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.