Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan wantoota copha xixiqqoo xiyyaaraan biifuun Duumeessa Roobsiifteert – Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii

Finfinnee, Bitootessa 15, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan wantoota copha xixiqqoo xiyyaaraan biifuun Duumeessa Roobsiisuu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksiise.
Biyyoonni hanqina bishaanii fi Roobaa muudate furuuf bishaan lafa jalaa qotuu jalqabee hanga Duumeessa Roobsiisuurra ga’uu ministeerri ibseera.
Duumeessa Samiira jiru irratti wantoota copha xixiqqoo biifuun gara lafaatti Rooba ta’ee akka bu’u taasiisuun kan danda’amu ta’uu himeera.
Xiyyaara nama maleessan Keemikaala kana duumeessarratti biifuun Rooba roobsiisuun hanqina Bishaanii fi Roobaa furuun akka danda’amu kan ibsame.
Ityoophiyaaniis tibbana keemikaala kana biifuun yaaliin taasiifte milkaa’uu himameera.
Ityoophiyaan Teeknooloojii kana hojiirra akka oolchituuf Emmiroota Araba Gamtoomanii dabalatee ogeeyyiin garaagaraa deeggaarsa bal’aa taasiisuu ibsameera.
Yeroo ammaa Teeknooloojii addunyaarra jiru fayyadamuu qofa osoo hin taane Ityoophiyaan kan mataa ishee kalaquuf barachuu akka qabdu Ministir Deettaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ahimaddiin Mahaammada ibsaniiru.
Ityoophiyaan Teeknooloojii kanneen fayyadamuun iddoolee gammoojii misoomsuuf hojjetaa jiraachuu himaniiru.
Iddoolee hanqinni bishaanii jiru misoomsuuf teeknooloojiwwan kanneen yeroo dhiyootti gara biyyaa galchuuf adeemsarra jiraachuu isaa ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.