Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Yaa’ii idil addunyaa Dubaayitti gaggeeffamaa jiruurratti hirmaata jirti

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) –Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa yaa’ii mootummoota idil addunyaa Dubaayiitti gaggeeffamaa jiruurratti argamaniiru.

Wagga waggaan kan gaggeeffamuu yaa’iicharratti hirmaata kan jiran Dooktar Ballaxaan, yaa’ichaan cinaatti  aanga’oota Afrikaa Kibbaa fi Emmireetoota Araba Gamtoomanii waliin mariiwwan gaggeessuu ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan Ministira Ministeera Saayinsii fi Teeknooloojii, dhaabbilee barnoota olaanoo Afrikaa Kibbaa Boongiisoosii Imaanu’eelii fi Emmireetoota Araba Gamtoomaniitti Ministirri Ministeera Intelaajensii Artifishaalaa, diinagdee dijitaalaa Oomaar Biin Sulxaan Al Olaamaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniitin Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii dhaabbilee barnoota olaanoo Afrikaa kibbaa, mana hojii Ministeera Saayinsii fi teeknoolii waliin Fulbaana 2014 waliigaltee taasifameen raawwii karoorarratti mari’ataniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.