Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanoonni 9 dorgommii ICT Huwaawwee 7ffaarratti ni hirmaatu

Finfinnee, Caamsaa 16, 2015 (FBC)- Barattoonni yuunivarsiitiiwwan Ityoophiyaa garaagaraarraa baba’an sagal Ityoophiyaa bakka bu’uun dorgommii 7ffaa Teeknooloojii quunnamtii Odeeffannoo (ICT) Idil Addunyaa Huwaawwee irratti hirmaachuuf Chaayinaa galaniiru.

Huwaawween FBC’f ibsa ergeen, dorgommichi har’arraa eegalee hanga Caamsaa 20, 2015’tti Chaayinaa Magaalaa Sheenzenitti gaggeeffama.

Dorgommicharratti barattoonni hirmaatan dorgommiiwwan biyyaalessaa fi idil addunyaa garaagaraarratti hirmaachuun injifannoon kan xumuran ta’uun beekameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.