Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti agarsiifni qorannoo Intalajansii Artiifishaalii jalqabaa baname

Finfinnee, Eebila 7, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti agarsiifni qorannoo Intelajansii Artiifishaalii jalqabaa magaalaa Finfinneetti baname.
Agarsiisa qorannoo qophaa’e kanarratti hoggantoonni mootummaa damichatti dhiyeenya qabanii fi qorattoonni dhaabbilee olaanoo hirmaataniiru.
Agarsiisni Intelajansii Artiifishaalii kun mata duree ‘Intelajansii Artiifishaalii hundaaf’ jedhuun guyyoota 10niif itti fufiinsan Hoteela Intarkonetiineentaalitti gaggeeffama jedhame.
Intelajansiin Artiifishaalii damee hundaaf barbaachisaa ta’us hanga danda’ame waliin ga’uuf hojjetamaa jiraachuu Daayreektarri olaanaan giddugalichaa Warquu Gaachaanaan ibsaniiru.
Afaanoota biyya keessaa hawaasa idil addunyaa biraan ga’uuf Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Somaalee fi Afaan Tigree hojiin mashinicha waliin walbarsiisuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Diinagdee diijitaalaa ijaaruuf giddugalli Intelajansii Artiifishaalii qooda olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay ibsaniiru.
Giddugalichi sadarkaa biyyaatti qorannoo Intelajansii Artiifishaalii fi giddugala misoomaa hundeessuun hojii kuufama daataa Diijitaalaa gurmeessuu hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni agarsiisa..
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.