Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti akka hojjetaniif dhaabbilee alaa teeleekoom 2f eeyyamni laatame

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti akka hojjetaniif dhaabbilee alaa teeleekoom 2f eeyyamni laatamuufi ibsameera.

Mariin kaleessaa hojiiwwan damee teeleekoom fooyyassuurratti xiyyeeffate Waajjiraa Muummee Ministiraatti gaggeeffameera.

Oppireetaroota teeleekoom haaraa biyya keessaa galchuun damicha dorgommiif banaa taasisuufi qooda Ityoo teeleekoom gariin jijjiiruu akkasumas hanga ammatti hojiiwwan hojjetaman irratti gabaasni dhiyateera.

Kanaafis dhaabbilee alaa teeleekoom Ityoophiyaa keessaatti akka hojjetaniif eeyyamni akka laatamuuf murtoon darbuu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad fuula Feesbuukii isaaniitin ibsaniiru.

Hojiin Ityoo teeleekoom gariin gara dhuunfaatti jijjiiruuf bifa faayidaa Ityoophiyaa eegeen akka itti fufuu Dooktar Abiy ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.