Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti meeshaan yaalaa carallaa /radio therapy/ eebbifamuun tajaajila laachuu eegale

Finfinnee, Sadaasa 21, 2013 (FBC) –Ityoophiyaatti meeshaan yaalaa carallaa /radio therapy/ eebbifamuun tajaajila laachuu eegale.

Hospitaalli Ispeeshaalizdii Xiqur Anbassaa kanaan dura yaala carallaa laachaa turullee moofaa’aa ta’uurraan wal’aanamtoonni kaansarii sirnaan yaala argachaa akka hin turre Diiniin Koollejjii Saayinsii Fayyaa Yuunivarsiitii Finfinnee Doktar Daawiit Wandimaagany himaniiru.

Giddugala yaalaa Kaansarii babbal’isuuf mootummaan ciminaan hojjechaa jiraachuu kan kaasan Ministirri fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa guyyaa har’aa kan eebbifame Hospitaala Ispeeshaalizdii Xiqur Anbassaa dabalatee fuula duratti hospitaalota Jimmaa, Oromiyaa, Gondar, hawaasaa fi Hararitti tajaajila eegaluuf akka jiru ibsaniiru.

Sirna eebbaa kana irratti Giifti Dureen Duraanii aadde Roomaan Tasfaayee argamniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.