Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,997 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee,Bitootessa 25, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 1,997 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 21 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 8,392 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 1,997 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 1,297 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 49,147 irratti argama.

Namoonni 818 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 21 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,936 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 13 fi 311 qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.