Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 695 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Caamsaa 4, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 695 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 27 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 5,722 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 695 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 2,214 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 45, 619 irratti argama.

Namoonni 659 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 27 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 3,938 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 64 fi 367 qabamaniiru.

Namoonni 1,397,647 talaallii fudhataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.