Fana: At a Speed of Life!

Jarman Ityoophiyaaf deeggarsa baajataa Birrii biiliyoona 4.3 laatte

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC) – Jarman Ityoophiyaaf deeggarsa baajataa Birrii biiliyoona 4.3 laatte.
Ityoophiyaa fi mootummaan jarmaan waliigaltee deeggarsa baajataa Birrii biiliyoona 4.3 mallatteessan.
Waliigalticha Ministira Maallaqaa Ahimad Shidee fi Ityoophiyaatti ambaasaaddara Jarman Isteefan Awar mallaateessaniiru.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee deeggarsichi hojiiwwan ittisa vaayrasii koroonaaf kan oolu ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan Jarman hojiiwwan caasaa eegalame akka milkaa’uuf duraan deeggarsa Yuuroo miiliyoona 100 taasisuus himaniiru.
Deeggarsa mootummaan Jarman har’a taasise hariiroo biyyoota lamaanii duraan ture caalumatti kan cimsuu ta’uu himaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.