Fana: At a Speed of Life!

Jarmanitti namoonni kumaan lakkaa’aman tursa addaa seenan

Finfinnee, Waxabajjii 11,2012 (FBC) – Jarmanitti hojjettoonni qeeraa dhibbaan lakkaawwaman vaayrasii koroonaatin qabamuu ilaalchisee namoonni kumaan lakkawwaman tursiisa addaa akka seenan taasifameera.

Kaaba Jarman warshaa foonii Gutaariseeloh jedhamu keessatti hojjettoonni 650 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.

Hojjettoota warshicha keessa hojjetan kuma 1 oliif qarannoon kan taasifameef yoo ta’u, namoonni kumaan lakkaawwaman ammoo qarannoo taasisuuf eeggachaa jiru jedhameera.

Ta’us hojjettoota kanneenii fi namoota isaan waliin xuxxuqqii qaban hundaaf qorannoo taasifameen hanga bu’an qorannoo isaanii beekamutti tursiisa addaa keessa akka turan taasifameera.

Jarman guyyaa kaleessaa qophiiwwan gurguddoon biyyattiitti taasifamu hanga dhuma baatii Onkololeessaatti akka hin taasifamne dhoorkaa keesse akka itti fuftu beeksiftee turte.

Aanga’oonni biyyattiis hanga dhuma baatichaatti manneen barnootaa fi giddugala kunuunsa daa’immanii cufaniiru.

Maddi: BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.