Fana: At a Speed of Life!

Jiibuutiitti namni vaayrasii koroonaan qabame argame

Finfinnee, Bitootessa 9,  2012 (FBC) – Jiibuutiitti namni vaayrasii koroonaan qabame argamuu ibsame.

Namni kun guyyoota 4 dura humna addaa Ispeenii  gara biyyattii dhufe ta’uu mirkanaa’era.

Lammiin Ispeen kun lammiilee Jiibuutii waliin kan wal hin geenye ta’uu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.

Yeroo ammaa addatti foo’amuun hordoffiin  godhamaafi jira jedhame.

Gama biraan Zaanziibaarittis namni jalqabaa vaayrasii kanaan qabame argameera.

Keeniyaa fi Taanzaaniyaatti ammo hammi namootaa qabamanii dabalaa jira jedhame.

Oduu biroon Zumbaabeen vaayrasichi osoo keessatti hn argamin labsii yeroo ariifachiisaa biyyaalessa labsiteerti.

Vaayrasiin kun biyyoota Afrikaa walakkaa ol keessatti muul’ateera.

Maddi:- Reuters

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.