Fana: At a Speed of Life!

Jilli aadde Caaltuu Saaniin durfamuu proojektiwwan magaalaa Shaashamannee daawwate

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (FBC)- Jilli itti aantuu Preezdaantii fi Qindeessituu Kilaastara Magaalota naannoo Oromiyaaa, Aadde Caaltuu Saaniin durfamu proojektiwwan magaalaa Shaashamannee daawwateera.
Daawwannicharratti aadde Caaltuu Saanii dabalatee sadarkaa Paartii Badhaadhina damee Oromiyaatti itti gaafatamaa ijaarsaa fi siyaasa Oromiyaa obbo Saadaat Nashaa fi hooggantoonni biroon argamaniiru.
Jilichi magaalichatti proojaktii bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 38n ijjaarramaa jiru daawwateera.
Magaalichatti tajaajilli bishaan dhugaati kana duraa paampii 3n kennamaa ture gara paampii 10tti ol guddachuu ibsameera.
Magaalaa Shaashamanneetti uuwwisni bishaan dhugaatii %45 irraa gara %60tti ol guddachuu ibsameera.
Aadde Caaltuu Saanii tajaajila gama kamiinuu itti quufinsa ummataa mirkaneessu itti gaafatamummaa fi aantummaan ummata keenya haa tajaajillu jedhaniiru.
Jibriil Huseentu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.