Fana: At a Speed of Life!

Jilli Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurrahmaaniin durfamu Booranatti daawwannaa taasise

Finfinnee, Amajjii 27, 2015(FBC)- Jilli Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurrahmaaniin durfamu miidhaa hongee Godina Booranaa daawwate.

Jilichi gidduugala fooyyessa sanyii Loon Booranaa daawwachuun deeggarsa taasiseera.

Gidduugalichatti sanyii loonii 420 jiran keessaa hanga ammaatti loon 77 kan du’an ta’uu, guyyaatti loon 4-5 du’aa jiraachuu Ittigaafatamaan Gidduu Gala Fooyyeessa Sanyii Loon Booranaa Diida Xuyyuuraa Doktar Godaanaa Haroo himaniiru.

Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetu Gammachuu gama isaaniin sanyii loonii hongeef saaxilamanii bakka biraattii geejjibsiisuun damdamachiisuuf hojjachaa jiraachuu himaniiru.

Akksumas margaa fi nyaata nbeeyladootaa biroo dhiyyeessuuf akka hojjetamu kaasnaiiru.

Kana malees biirichi ogeessa ramaduun deeggarsa barbaachisaan akka taasifamuu kan himan Afyaa’iin Caffee oromioyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan, deeggarsa midhaan nyaataa namaaf kuntaala 500 fi marga horii beelii kuma 27 deeggarsa taasisuu himaniiru.

Bulchaan Godina Booranaa Obbo Jaarso Boruu deeggarsa horsiisee bultootaaf taasifameef galateeffachuun, miidhaan hawaasa horsiisee bulaa mudate hammaataa ta’uun namoota kuma 800’f deeggarsa gama mootummaan taasifameera jedhan.

Ammallee namooni kumni kuma 200 deeggarsa kan barbaadan ta’uu himuu ragaan Kominikeshinii Godina Booranaarraa argame ni mul’isa.

Rakkoo hongee mudateen dhaqqabaa jiru keessaa hawaasa baraaruuf birmannaa uummata Oromoo fi Ityoophiyaa barbaachisa jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.