Fana: At a Speed of Life!

Jilli Keeniyaa kabaja ayyaana Irreechaatiif dhufe godina Baaleetti iddoowwan hawwata turizimii daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 27, 2015(FBC)- Hawaasni Keeniyaa kabaja ayyaana Irreechaatiif gara Itoophiyaa dhufan godina Baaleetti iddoowwan hawwata turizimiifi  kilaastara misooma qamadii daawwataniiru.

Jilichi Ayyaana Irreechaan booda Godina Baaleetti argamuun iddoowwan hawwata turiizimii Paarkii Gaarreewwan Baaleefi Gaara Saannatee akkasumas kilaastera misooma qamadii daaw’ataniiru.

Daaw’annaa isaaniitti gammaduufi Itoophiyaan hamma ibsamuu olitti kuufama qabeenya uumamaafi namtolchee akka qabdu arguu isaanii himanuu ragaan kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Gama biraan muxannoon qamadii kilaastaraan Itoophiyaan oomishaa jirtu biyyoota ollaatiifis fakkeenyummaafi muxannoo jabaa kan ta’udha jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.