Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Geetuu Gammachuun durfamu godina Jimmaatti facaasa qamadii bonee jalqabsiise

Finfinnee, Sadaasa 20, 2015(FBC)- Jilli  hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu godina Jimmaa aanaa Deedootti facaasa qamadii bonee jalqabsiise.

Naannichatti lafa heektaara miiliyoona 1 qamadii boneen uwwisuuf karoorfamee lafti heektarri kumni dhibbi 6fi kumni 50 qophaa’uu obbo geetuun eeraniiru.

Bulchaan godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gamasaaniin, Aanaa Deedootti lafa hektaara kuma 6fi 500 irratti qamadii kilaasteraan misoomsuuf facaasaan gaggeeffamuu ibsaniiru.

Bara kana akka godinichaatti lafa hektaara kuma 200 irratti qamadii jallisii boneen misoomsuuf karoorfamee lafti hektaarri kumni dhibbi  2 ol ophaa’uu ibsuun, lafa hektaara kuma dhibba 1fi kuma 20 irratti sanyiin faca’uu eeruu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.