Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Malaakuu Allebaliin durfamu naannoo Indaastirii salphaa Huuwaajaayaan daawwate

Finfinnee, Bitootessa 23, 2013 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Daldaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allebaliin durfamu naannoo Indaastirii salphaa Huuwaajaayaan daawwateera.
Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti kana argamu naannoon Indaastirii salphaa Huuwaajaayaan sharaf alaa Doolaaraa miiliyoona dhibba 2 kan argamsiisuudha jedhame.
Lammiilee kuma 7 fi 500f carraa hojii uumeera.
Dargaggoota 540 gara Chaayinaatti erguun teeknooloojii Kopheerratti beekkumsaa fi ga’umsa dabalataa akka argatan taasiisuu ibsameera.
Yeroo ammaa guyyaan kophee cimdii kuma 15 oomishaa jira jedhame.
Naannoon Indaastirii salphaa kun wayita guutumaan guutuutti gara hojiitti gale guyyaan Kophee cimdii kuma 35 oomishuu danda’a jedhameera.
Lammiilee kuma 50f carraa hojiii uumuu akka danda’u ragaan Ministeera Daldaa fi Indaastiriirraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.