Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Umood Ujuluun durfamu hojiilee misoomaa Bulchiinsa Mana Amala Sirreessaa godina Iluu Abbaa Booriin hojjetamaa jiru daawwate

Finfinnee, Sadaasa 19, 2016 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluun durfamu hojiilee misoomaa Bulchiinsa Mana Amala Sirreessaa godina Iluu Abbaa Booriin hojjetamaa jiru daawwateera.

Bulchiinsi Mana Amala Sirreessaa kun lafa hektaara 38 irratti Inisheetiiviiwwan mootummaa kanneen akka ruuzii, baala shaayii, muuzii fi damma dabalate oomishaalee adda addaa misoomsaa jiraachuu Daayrektarri Mana Amala Sirressaa Godinaa Iluu Abbaa Boor Komishiinar Taanaanyee Walduun himaniiru.

Hojiileen misoomaa mooraa mana amala Sirreessaa kana keessatti hojjetamaa jiran wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafariin himaniiru.

Pireezidaatiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluun gama misoomaanis ta’e mirga sirreefamtoota seeraa eeguun hojiin Bulchiinsa mana Amala Sirreessaa Godina Iluu Abbaa Booritti hojjetamaa jiru fakkeenyummaa kan qaban, muuxannoo ta’uu kan danda’an ta’uu dubbachuu isaaniin OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.