Fana: At a Speed of Life!

Jilli preezdaanti Shimallis Abdiisaan durfamu aanaa Hidhabuu Abooteetti xaafii kilaastaraan faca’ee daawwate

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Jilli preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaan obbo Shimallis Abdiisaan durfamuu godina Shawaa Kabaa aanaa Hidhabuu Abooteetti xaafii kilaastaraan faca’ee daawwateera.

Jilichi aanaa Hidhabuu Abootee gandaa Darroo Amummaa Wajjuutti argamuun hojii xaafii kilaastaraan faca’ee fi bu’aa fuduraa fi kuduraa daawwateera.

Jilichi buufata biqiltuu sanyii bayyisuu buna daawwataniiru.

Godinichatti lafti heektarrii kuma dhibba 1 ol kiilastaaraan misoomaa jirachuu ibsameera.

Obbo Shimallis waan arganitti gammaduun mootumman deeggarsa akka taasisu ibsaniiru.

Daawwanicharratti hoggantoonni hojii mootummaa godinicha argamaniiru.

Aanichummatti ganda Weeluu Mojoottis oyiruu muduraa fi kuduraa buna dabalatee oomishamaa jirus daawwachuun hanqinoota qonnaan bulaa muudatu gaafachuun jajjabeessaniiru

Afawarq Alamuutu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.