Fana: At a Speed of Life!

Jimmaatti hiriirri deeggarsaa fi sosochii hawaasaa taasifame

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Jimmaatti hiriirri deeggarsaa fi sosochii hawaasaa taasifame.
 
Jiraattonni magaalaa Jimmaa fi naannawashee hiriira deeggarsaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ba’an.
 
Qophii deeggarsaa kanarratti dhaadannoo “Tokkummaan keenya, kabaja keenyaf!” jedhu qabataniiru.
 
Sosochiin hawaasaa fi hiriirri deeggarsichaa istaadiyamii Jimmaatti gaggeeffameera.
 
Waltajjicharratti argamuudhan haasaa kan taasisan kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Makkiyuu Mahaammad ummanni nagaa fi tokkummaasaa eegsisuuf sochii taasisu dinqisiifataniiru.
 
Hiriirri deeggarsaa walfakkaataan jiraattota bulchiinsa magaalaa Aggaaroo fi aanaalee ollaashee hirmaachise ba’ameera.
 
Gurraandhala 3,2012 hiriirri deeggarsaa walfakkaatan magaalaa Jimmaatti gaggeeffamuun ni yaadatama.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.