Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni magaalaa Finfinnee feedhii fi dandeetti qaban waldaan gurma’aani manneen waliin jireenyaa ijaaruu akka danda’aanif bulchiinsi magaalichaa lafaa fi meeshaalee ijaarsaa dhiyeessuuf murtoo dabarse

Finfinnee, Hagayya 24, 2012 (FBC)- Jiraattonni magaalaa Finfinnee feedhii fi dandeetti qaban waldaan gurma’aani manneen waliin jireenyaa ijaaruu akka danda’aanif bulchiinsi magaalichaa lafaa fi meeshaalee ijaarsaa dhiyeessuuf murtoo dabarse.
 
Kabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee 30ffaa har’a gaggeessen jiraattonni magaalaa Finfinnee feedhii fi dandeetti qaban gurmaa’ani manneen waliin jireenyaa ijaaruu akka danda’aaniif bulchiinsi magaalichaa lafaa mijaarsaa dhiyeessuuf murtoo dabarsu beeksiseera.
 
Yaa’ichi magaalicha keessaatti kan muuldhata rakkoo geejjibaa fi mana jireenyaa furuuf mari’ateera.
 
Rakkoo mana jireenyaa fi geejjibaa magaalichaa keessaatti muldhataa jiru furuuf kabineechi yaada adda addaa irratti mari’achuun murtoo dabarseera.
 
Rakkoo mana jireenyaa furuufis jiraattonni 20/80 fi 40/60 irratti galmaa’anii mannii kan isaan hin geenye feedhii fi dandeetti qaban waldaan gurmaa’anii manneen waliin jireenya ijaaruuf akka danda’anii bulchiinsichi lafaa ijaarsaa dhiyeessuufiin ofii isaanii akka ijaaran taasisuuf yaada filannoon murtee dabarseera.
 
Magaalichaatti kan muuldhatu rakkoo geejjiba furuuf bittaa awutoobiisota 400 haala addaan raawwachuu fi awutoobiisota rakkoo adda addaan tajaajila dhabaan 125 suphuun bara haaraatti guyyoota jalqabarra kaasee hojiirra akka oolan kaabinichi murtoo dabarseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.