Fana: At a Speed of Life!

Juuntaan dargaggoota, hayyootaa fi namoota bebbeekkamoo Oromoo hunda kan nyaateedha – obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 8, 2013 (FBC) – Ijaarsa Ityoophiyaa hunda galeessaaf mootummaan naannoo Oromiyaa mootummaa Federaalaa waliin ta’uun tumsaan ni hojjeta jedhan preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Juuntaan dhiifama taasiifameef cinaatti dhiisuun tuffiin gara gantummaatti galuun ofiin of nyaateera jedhan obbo Shimallis.

Juuntaan dargaggoota, hayyootaa fi namoota bebbeekkamoo Oromoo hunda kan nyaateedha jedhan.

Ijaarsa Ityoophiyaa hunda galeessaaf mootummaan naannoo Oromiyaa mootummaa Federaalaa waliin ta’uun tumsaan kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Ummata hiyyummaa keessaa baasuuf beekkumsaa fi teeknooloojiin of ga’oomsuun biyyaa fi sirna ummata biyyattii fakkatu ijaaruuf xiyyeeffannoon ni hojjenna jedhan.

Obbo Shimallisa Geezexeessitoota OBN adeemsa duula olaantummaa kabachiisuu gaggeeffama tureen odeeffannoo hawaasaan ga’aa turaniif sirna beekkamtii laatameerratti dubbii taasiisaniin juuntaan miidiyaan sagalee ummataa ta’uu isaa hubatee itti fayyadamaa ture jedhan.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.