Fana: At a Speed of Life!

Kaappitaalli Baankii Siinqee Birrii biliyoona 8 fi miiliyoona 9tti guddachuu ibsame

Finfinnee, Mudde 22, 2015(FBC)-  Waldaan Aksiyoonaa Baankii Siinqee Yaa’ii Waliigalaa Idilee Abbootii Aksiyoonaa 22ffaa magaalaa Finfinnee Hoteela Ilillitti gaggeessaa jira.

Dura Taa’aan Boordii Baankichaa obbo Tolasaa Gaddafaan gabaasa raawwii hojii bara 2021/22 dhiyeessaniin,  galiin baankichaa bara hojii 2021/22 Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 78 gahuu ibsaniiru.

Galichi kan bara darbeerra %20’n guddina argamsiisuu himaniiru.

Qabeenyi waliigalaa baankichaa Birrii biiliyoona 20 fi miiliyoona 54 ta’uufi Kaappitaalli baankichaa Birrii biiliyoona 7 fi miiliyoona 72 irraa gara Birrii biiliyoona 8 fi miiliyoona 9tti guddachuus eeraniiru.

Baankichi Eebla 5,2022 dameewwan isaa 59n tajaajila kennuu eegaluu yaadachiisuun yeroo ammaa dameewwan  isaa 134tti guddachuu kaasaniiru.

Baankichi dameewwan isaa 134 fi dhaabbilee maaykiroo faayinaansii 270 walumatti dameelee 404n tajaajila faayinaansii kennaa jiraachuu ibsamuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.